Haacaaluu Hundeessaa: ‘Maatiin adeemsa kanaan dhugaansaa ni baha jedhee hin yaadu’ – obboleessa
Maatiin Haacaaluu Hundeessaa callisa isaanii baatilee sagalii olii cabsuun dhimma qorannaa yakkaa fi adeemsa mana murtii irratti yaada qaban dubbataniiru.
Baatilee saglan darban maatiin waa dubbachuurraa of qusatee kan tureef, qaamni kamuu ajjeechaa isaa daldala siyaasaaf itti fayyadamuu akka hin dandeenyeefi jedha obboleessi quxisuu Haacaaluu, Sisaay Hundeessaa addatti gaaffii fi deebii BBC waliin godheen.
Adeemsa qorannoo yakkaa fi adeemsa mana murtii ammaa kana “tapha siyaasaati, kana maatiin bareechee beeka” jedha.
Adeemsa mana murtii baatilee sagalii ol lakkoofsise irratti maatiin dhaddacha akka hin seenne dhorkamuu dabalatee rakkooleen adda addaa isaan mudachaa akka tures dubbata.
Manni murtii Olaanaa Federaalaa fi dhimmicha kan harkaa qabu Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa garuu adeemsi qorannoo yakkaas ta’e kan mana murtii bu’uura heera biyyattiin walabummaan ilaalamaa akka jiru himu.
Artist Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 bara 2020 magaalaa Finfinneetti konkolaataa isaa keessatti ajjeefame.