Eyasped Tesfaye

Barrefamaa dheraa ta’us yaddoota ciccimoo wan of keessa qabuuf warra qabsoo oromoo galmaan gahuu barbaadan hundu obsaan dubbisa.

“Kufu isaa nama amanee qofaatu ol ka’uuf tattaafata, ka’uuf nama yalii godhe qofaatu qajeelan dhabachuu danda’a! “

Toorban darbee magaalota xiqqoo kessatti namoota muraasaan hiriirri nagaa godhamee ture. Hiriira caala garuu sagaleen ummata sirna eebba barattoota universiitii wallaggaa fi jimaa irratti dhagahame ture.

Haala sodachisaa ammaa jiru kana kessatti hiriirri nama muraasaan godhamuun isaa garuu muranoo ummanni qabu nutti agarsiisu danda’e jira.

Hata’u garuu nuu hunduu bakkuma jiruti waa’ee hiriira torban darbee dabalatee karaa Qabsoo hanga amma itti dhufne fi tarsimoo ammaan booda itti deemnuus ifan Ifatti mari’achuu qabna.

Warri hiriira qopheesses ta’e ummani hiriiri nigeggeeffama jedhanii kan eegam haala fafaca’e kanaan ture jedhee hin yaadu. namoota muraasa haganan godhama jedhanii wan yaadan
Midiyaalee addunyaa Miti Ija keenya kessayyuu sochii Haalaan seenu dandeenye hinturre.
Dhimma kana golganii biradarbiun ” kufanii kufaatii ofii ammanu dhabuu wan ta’eef kufanii hafuu fi ka’uuf tattaafach yggdhabuu” fidaa.

Hiriira torban darbee waamame qofa osoo hinta’in kanaan duraas irra deddeebin kan waamaman:

  • waamichawwan hiriira nagaa
  • waamichawwan lagannaa gabaa
  • waamichawwan karaa cuufuu fi kkf kufanii jiru.

Maliif kufanii kan jedhu gaafachuu dhisaani injifannoolee xixinnoon gamadu fi wan afaanitti dhufe maraa facebookii gubbaa tarreessaa Abyii fi OPDO abaara ooluun qabsoo kanaaf wan dabaluu tokkoyyu hinqabu.
Maal irratti kufne? Akkamitti kufne? Maal baleesine? Maal osoo gone wayyaa? Akkam yoo gone wayyaa? Gaaffiiwwan jedhan kaasudhan of keessa Ilaaluu fi mala barbaaduun barbaachisaa dha.

Duwwaa irra ka’uudhan haala amma itti jiru halaalu:

0- Haalli amma keessa jiru maal fakkaata?

Haala qabatamaa ammaa itti jiru xinxaluuf yeroo dheeraa fi ibsa ballaa qopheessuu kan gaafatuu waan ta’eef haala seensa baarreeffama kanaaf ta’uun akkaataa qabatamaa waliigalaa qabxiilee armaan gadiitiin gabaabsinee kaa’uudhaan bira haa dabarru:

A. Wareegama guddatin jijjiiramni dhufe kuni sarara isaarraa maqee warroota jijjiirama fidan hunda gama humna dhabsiisuutt ce’ee jira.
B. Hoganooni Oromoo hidhatii darbamanii jiru
C. Caasaa qeerroos ta’ee paartiilee oromoo seera qabeessa ta’ani fi ‘activistoota’ biyyoota ala irra dhiibbaa jarri laffarratti uumaa jiran xinnoo dha ykn kan silaa eegamurraa baayee gadi aanaa dha.
D. Humna Itophiyaa takkittii barbaadu.
-(actual state bureaucratic power) Biirokraasii motumma humna qabatamaa qabu harka kessa galfatanii jiru.

  • miidiyaa fi propagandas olantummaan to’achuu danda’e jira. Leellistoota siyassa gidugaleessaatii fi beektota magaalaa keessaa of cinaa hiriirsisee jira.
  • Heera fi sirna federaalizmichaa amma jiru kan haala seera qabessa taheen jijjiruuf humna sassaabachuu eegale jira.

1- Kan barbaannu maali?

Oromiya dabalatee Kan Kibba bllaa (broad south) gaaffiin bu’uura lama.
A- Mooaa naannoo ofii (national state) bu’uuressuu.
B. Itoophiyaa jalatti Sirna Federaalizmii haqa qabeessa sabaaf sablammoota hunda hammatuun ( Multinational Federalism) buluu fi eenymmaa saboota Itoophiyaa irra deebi’uudhaan ibsuu. (redefining Ethiopian National identity)

Yaadonni kunniin lameen deeggertoota mata mataa isaaniitii fi leellistoota kan qabaachaa turanii dha. Oromoo birattis ta’ee saboota biroo biratti kutaa lamee (dichotomy)tu jira. Haala qabatamaa amma jiruun kaayyoo ofii galmaan gahachuuf jecha leellistoonni yaadota lamasni galma isaanirratti waalii galuu baatanis imala qabsichaa wajjin imaluf dirqama qabu.

Free All Political Prisoners (Jawar Mohammed and Bekele Gerba Et Al)

Galmawwan lamaan kana raawwachuuf maaltu guutamuu qaba?

A- kallatti if ta’e, qulqullinna kaayyoo fi hawaasa dammaqe
B- hirmaannaa siyaasaa gochuuf hawaasa qophoo ta’e (highly mobilized society)
C- qaama gurmaa’e (organized group)

2 – Maal harkaa qabna?

A- Midiyaa ni qabna

Haata’u malee, yeroo ammaa kana qabatawwan lamaaf humna midiyaa itti dhimma bahuu hin dandeenye:

1- Midiyaaleen qabnu baqnnaa irra kan jiran lafarratti waan uumamu ilaalaa ( on the spot) proppogaan hojjachuu kan hin dandeenye ta’uu isaanii
2- Itophiyaa keessatti afaan sisaa kanta’e ” Afaan Amaaraa” propogandan dadhabaa ta’uu isa.

Kuni akkanaan osoo jiruu dhiyeeny kana Etio – satii jalqabuun isaa rakkoo dabalataa ta’uun isaa hin oolu.

Rakkoolee lamaan kana tilmaama keessa galchuudhaan rakkoolee kanneen kan salphisu fi odeessica kan qajeelchu humna midiyaa haalaan barbaachisaa dha.

B – Haala ol’aanaa hirmaanaa siyaasaa gochuuf ummata qophaa’e qabna. (we have a highly politically mobilized society)

Wantoota lamaan harkaa qabnu kanneen lamaan qindeessinee maal hojjachuu qabna? Kan jedhu sirnaan itti yaaduu qabna.

3 – Maaliif kufne

Baatiiwwan 7ban darban waamichawwan hiriira nagay irraa hang lagannaa gabaa kan gahan godhamani jiru. Hojiirra olmaan isaani, hirmaachisummaan isaani fi bu’qabeessummaan isaanii garuu hangana mara hin turre. Kuni maaliif ta’e warra jedhaniif wantoota baayyee qabataan eeruun ni danda’ama. Muraasni isaanii akka armaan gadiitti kaa’amanii jiru.

A. Qeeroo fi caasaa isa

“Jijiiraman” booda wantoota bilxiginnaan itti milkooftee keessa inni tokkoo namoota caasaa qeeroo kessa turan baayyee fedhii dhunfaa isaanii gutuudhan qabachuu danda’u isaati.
Waytii ‘Oromo Protest’ caasaa qeeroo bahaa oromiyaa kessa gurbaan inni tokkoo dhiyeenya kana walgahii aadaamatti gaggeeffame irratti Itti aanaa perezdaantii waldaa tahe filatamu isa odduu-dhan argine jira.
Caasaa qeeroo nanoo finfinnee ijoollee hoggana turan keessa inni tokkoo suraan isa facebuukii gubaatt kan waytii baayyee maxxanfamuu cidhaa isa Sharaatanitti ooguu godhamuuf baasii eenyu akka danda’u wan walaltan natti hin fakkaatu.

(Wayyee kana irratti Baayyee barreessuu akka hin dandeenye fi baayyee of qusadhe fakkii gutuu wantootaa akka qabaataniif barreesa jirachuu kiyya naf hubattani jedhee amana.)

Biyyoota hiyyeeyyii akka Itoophiyaa jiran keessatti humna guddaa kiraa qoqoduu kan qabu nama humna motumaa san harka qabu san wan ta’eef tufachuun sirrii hintahu.
Itoophiyaa kessati nama bekkamti barbaaduuf bekkamti, nama malaqa barbaaduuf malaqa, nama mana barbaaduuf mana, Nama aangoo barbaaduuf aangoo kan qoqoduu danda’u nama humna motumma harka qabu qofa.

Hogganooni qabsoo, dhugaa kana yaado keessa galcanii tarsimoon hin fayyadamuu dhabuun jara gatii baayyee nuu kaffalchisee jira.

  • Caasaa qeeroo kan hogganuu ana kan jedhan gareewwan aadaa aadaa biyyaa keessa bahan bakkaa bu’aa gargaara dayspora irraa qabachuu isanitti fi hoggansaa qajeelaaan Jirachuu dhabuun isaa.
  • Caasaawan qeeroo bayyeen hidha dimshaashaan bittinnaahu jaraatti fi hatattamaan ‘Reconstruct’ gochuu dadhabamuu isaa.

Kan waamichaa tasisuu fi dayspora

  • Midiyaa irratti dayspooronni waamicha godhan waal qoqodanii jiruu. Kunis burjaajii tibaa jalqaba tureef gahee leenca taphatee jira.
  • Warri waamichaa gochaa turan karaa tokkoniis tahee kabiiraattin Warra bilxiginnaa fi TPLF Wajjiin walitti dhufinsa kan qaban tahu issanitti fi ‘counter propaganda’ bilxiginnaattif kan saxilaaman tahu isaanii irraa waa’ee ‘political alliance’ akka nama siyaasaatti namni hubachuu hin dandeenye jara irratti ammanamuma wan kahu hin dandeeyef.
  • Namni biyya keessa jiran haala jiruttin akka feedhii isanitti midiyaalee hawaasa irrattis tahee ‘Mainstream media’ irratti propaganda hojjechuu wan hindandeenyeef bakka isa bu’uudhan daysporan injifannoolee xixiqqaas tahan haala gahaa taheen propaganda midiyaattin gargaaru dhabuun jara.

Mala qabso fi bu”aa isaa

Hiriirawwan nagayaa

  • Mala qabsoo walfakkaataan qorannaa malee godhamuun rakkoo ol aanaadha.
    Fakkeenyaaf qabsoo nagayaa keessatti ( Direct Action) warroonni gaafatan maloonni kanneen akka hiriira nagayaa jira filannoolee biroo eega duguugnee eega fixnee booda kan itti seennu malee yeroo hunda bahuudhaan lubbuun qeerroowwani kan itti dhabamee deebinu ta’uu hin qabu ture.
    Akka hawaasa Oromoo kaka’uumsa siyaasaa olanaa qabu keessatti, mala qabsoo amansiisaa ta’ee fi bu’aan isaas kan mullachuu danda’u yoo fidne, lubbuu isaa qabsiisee qabsaa’u ummata miliyoonatu jira. Gaafichi garuu malli keenya maali? Bu’aan isaa hoo? Kan jedhudha.

Fakkeenyaaf torbaan dbre hiriira nagayaa kan waamne maaliifi? Hiriricharrtti akka karoorfametti ummanni kumaatamaan lakkaa’amu osoo argamee hoo? Maali bu’aan isaa?

Mootummaan Bilxiginnaa hiriirricharrahti gaafilee nu kaafne galmeessee qanatee deebii haa kennuufii? Ummanni Oromoo Mootummaa Bilxiginnaa akka mormu haawaasa addunyaagti agarsiisuu fi? Bilxiginnaan hiriiricha gufachiisjuf yammuu tattaafatu abbaa irrummaa isaa addunyaatti agarsiisufii?

Maal ture kaayyoon isaa? Bu’aan isaa hoo?
Kanumarratti gaafilee biroo haa daballu:

Kaayyoon hiriirichaa abbaa irrummaa Bilxiginnaa addunyaatti agarsiisuuf yoo ta’e, maaliif KFO fi ABOn hiriira gochuudhaaf bulchiinsawwan magaalotaatiif xalayaa barreessanii maaliif hin gaafannee ture? Yoo dhoorkaman qeerroon tokkolleen osoo hin duune abbaa irrummaa Bilxiginnaa agarsiisan jechuu dha. Yoo dhoorkamuubaatan ammoo ummanni waan hin sodaanneef lakkoofsa baayeedhaan bahee ergaa isaa dabarfachuu ni danda’a.

OFC fi ABAOn akkamitti gaf tokkollee xalayaa galchuuf yaalii hin goone?!

  • hirawwan nagayaatii fii deebiin gara jabeenyummaa mootummaatiin kan walqabateen rakkoo birootu jira.
    Kunis ajjeechaa Haccaalu booda midhaan ummata qulqulluu irratti eddoolee Oromiyaa gargaara keessatti uummame qabsoo keenya sirriitti midhe jira. Motummanis humna walhingitne hiriiraa bittinessuf fayyadamuun isaa qabata kan qabu godhee mulisuuf itti fayyadama jira.

300lives3Months

300lives3Months kan jedhuu fi duulli ‘tweetiin’ miliyoonaa ol itti godhame yeroo qopheessinetti ‘tweetota’ irratti qaamonni nu eerree fi ‘dplomatonni -qaamonni mootummaa – komishinarri mirga namoomaa namoota duulicha qopheesine yeroo adda addaa nu arganii nu haasofsiisanii turan.

Hasawa jaraa irraa wanti ani hubadhe yoo jirate adda babayiirratti qabsoolee geggeeffaman irra deebiidhaa nageenya kan qaban ta’uu isaani hanga mirkaneeffachuu dandeenyutti gaatii baayee kaan nukafalchiisan ta’uu isaaniiti.

Hiriiraa nagaa kamiifuu tahe maaloota qabsoo kan biroo ‘direct action’ Kan gafatan kessa osso hin seeniin duraa filannoo qabnu hundaa fayyadamne fixnee jira kan jedhu ilaaluun barbaachisa dha.

Waamichalee wal irra bu’aani fi humna ummata yaada keessa kan hin galchine

Ji’oota darban, keessattuu tibaan duraa wamichaee godhamaa turan mala qabsoo hundaa wayyti tokkotti (hiriirra, karaa chufu, gabaa lagachuu, Kkf) yeeroo tokkotti godha jechuudhan waamichaa godhun hangam fudhatama qaba?
Namni tokkoo yeroo tokkotti bankii daldaalaa Itoophiyaatin fayyadamuu dhise, bittaa guurgurta dhabe, karaa chufee. . . Maal nyaata Jirachuufi?
Qabsoo naggaa kessatti wan xiqoon Jalqabuun- injifannoo xiqoo argamte mi’eeffachaa injifannoo birootiif ‘scale up’ gochuu fi obsi wantoota barbaachisoo dha.
Haala qabatamaa amma keessa jirruu kanatti waamichaaleen godhamaa galma gahuu dhabuun isaani fi ummannis ‘ protest fatigue’keessa seenuun isaa amannee fudhachuudhaan wanta xiqqaarraa jalqabnee sanirratt ijaaruudhaan deemuuf of qopheessuu qabna.

Maaliif kufne kan jedhuuf qabataaleen dabalataa yoo jiraatanis ijoowwan kan armaan olitti kan ibsamani dha.

Rakkoolee kanneen sirreessinee fi salphifnee yeroo dhiyootti sararatti akka deebinu hin shaklu.

Qabsoonis injifannoonis itti fufa!

About Post Author